" /> SOCHII SABBOONTOOTA OROMOO - MARSSAA SAB-QUNAMTII HAWASSUMAA SSO/ONM
Seena Odaa Bultum
received_540679446110917.jpeg

Moggaasa maqaa Odaa bultum ilaalchisee odeeffannoo akkas jedhuutu jira. Bara durii keessa gaafa Ituun tarree godaantu halkan hunda namni keessaa du’aa ture. Gaafa Odaa bultum jala bulan garuu namni tokkolleen osoo hin du’in waan bulaniif ganama hirriibaa ka’anii “Bullee bultanii?” jechuun nagaa wal gaafatan. Ergasii kaasee maqaan isaa Odaa Bultum jechuun miggaafame.

Akka manguddoonni naannoo sanaa jedhanatti. Bara sana keessa ituun gosaan qabeenyaa fi diinagdee irratti walitti bu’aa waan turaniif haala kana fooyyeessuuf Odaa kana jalatti wal-gahanii Heeraa fi Seera ittiin bulan baafatan jedhama. Yeroo sanatti Awsa’id akka aannan sa’satti walitti ititaa, tokko ta’aa, walitti isin haa mi’eessu, jedhee akka eebbisees ni himama.

Walumaa galatti odaan bultum bakka oromoonni naannoo sanaa maqaa ‘Ituu’ jedhu itti argatanii fi nagaan bulan waan ta’eef gaafasii jalqabee kabajaa guddaa argachaa dhufe.

Manguddoonni oromoo “Heerri tokko dameen adda” jedhu. Herri hangafticha odaa madda walaabuu irraa jalqabees yeroo yeroon tumamaa odaalee hundarra erga naanna’een booda Odaa bultum irratti waan guutameef (xumurameef) Odaan bultum ummata oromoo biratti kabajaa fi ulfina guddaa qaba. Sababaa Heerri oromoo jalatti guutameefiis odaan bultum odaalee Heerri jalatti tumamaa dhufan shanan keessaa Odaan bultum quxusuus jedhama. Oromoota naannoo sanaa birattiis Sirna gadaa ykn akka jecha naannoo sanaatti (Sirna Raabaa Doorii) keessaatti odaan kuni quxusuu fi kan Heeraa fi Seerri Oromoon buluun jalatti gutame ta’uun beekama.

Dooriin yeroo heerri odaa bultum tumamu kan fudhatanii seera irraa baasuudhaan wal-bulchaa turan ta’uu manguddoonni ni dubbatu. Ummanni naannoo kanaatiis akkuma odaawwan biraa waggaa saddeetitti yeroo tokko odaa kana jalatti kora ba’anii Raaba isaan bulchu filatu.

Gabaabumatti Odaan Bultum galmaa fi giddu gala mootummaa ummata oromoo naannoo kanaa ta’ee jalatti ofiin of-bulchaa akka turan seenaan ni addeessa.

Sirni Raabaa Doorii (Gadaa) waggaa saddeet saddeetitti gaafa geggeeffamu ayyaana kabajamuutu jira. Innis ayyaana “Odaa Bultum” kan jedhamu yommuu ta’u erga kabajamuu jalqabe waggaa dhibbaa ol kan ta’ee fi ammas kan itti jiru ta’uus sirnoota cunqursaa adda addaatiin yeroo dheeraaf addaan citee turuun isaas ni yaadatama!!

Maddi: Manguddoo!

by HAMZA JAMAL 

TSSO IRAA 2017

 

HAPPY NEW YEAR2017 WARRA BARANA FI BARAA HEDUU TSSO APP UPDATED

Tsso App

Update latest of Tsso app from ELIAS ABDELLA, you are about to download tsso for mobile with updated features of app (updated: Nov 30, 2016). General social networking ,communication and information networking. TSSO helps to facilitate networking and communications. TSSO IS A GENERAL SOCIAL MEDIA that provide fact full informational NEWS .
Last Updated: July 09, 2016
Type: app
Latest Version: V2.6(1467634720)
Installs: more 1000+
Apk file size: 4.15 MB
Package Name: com.wTSSO
Publisher: ELIAS ABDELLA
Average Rating: 4.0/5 stars from 6 users

Tsso App Information

General social networking ,communication and information networking. TSSO helps to facilitate networking and communications. TSSO IS A GENERAL SOCIAL MEDIA that provide fact full informational NEWS .
SEENAN ISSA HAA YADATUU GOOTA OROMOO ADAAM DIIMAA

#OromoProtests
AADAM DIIMAA/Diinaraas/

Shanyiin gootaa 
yoomiyyuu gootuma,
Diinaraas Guddaa
Ykn Aadam Diimaa,
Diina meeqa ajjeesee
Kan sirna gabrummaa,
Akkuma Galataa Itichaa,
Osoo godhuu falmaa,
Du'ee wareegamus 
Hogguu yaadatama.

Jaalli Aadam Diimaa,
Kan sabaaf if kenne,
Iliyaas Aliyyii 
Goonni hafteen qabne,
Ji'a sadii dura,
Diinaan wali _banee,
Meeqa irraa fixee
Iubbuu isaas dhabnee,
Dhiigaan barreeffamee,
Seenaan hin daganne.

AADAM goota ta'uun
Ar'aa mii bubbulee,
Liyuu poolis baanan
Hidhattuu somaalee,
Gootummaa isaatin 
Aloolee haleelee,
Takkarra lamarra,
cabsee goobaan gale,
Oromoota dhiisii
Diinninuu isa baree,
Akka Hawaasa isaa
Kabajaa itti hore.

Tokko wareegamus
Kuma kan dhalatu,
Kaleessaa fi har'a,
Borus hin dhaabbattu,
Daqiiqaa takkaafuu
Falmaan addan cituu,
Hanga sabni keenya 
bilisummaa argatuu.

Yaa rabbi seensisi
Jannata kee keessa,
Jajjabina kenniif 
Firaaf maatii isaa.

TSSO IRAA
Fulbaana 01,2016

adam_dia2.jpg
Diguuga Sanyii Ummata Oromoo Anniyyaa
#OromoProtests  Oromoota Anniyyaa shanyii duguugaa irrati raawatamaa jira. Akkuma hundi keenya hubbanuttii Oromoofii saba biraa walitti buusuun wayyaneen mukka isin hin koree gaari isin hin baane hin jiru. Karaa Mi’asoo, nannoo Afaar, Baalen akkasumas karaa gaara mulataa nannoo Anniiyyaa yeroo heduu ilimaan jinnii Wayyaneen Oromofii Saba biraa walitti buusuf yaali godhaa jirtti. Kun maalif yoon jennee Oromofii saba biraa wal afaan keese, Qabsoo Oromoon gageessaa jiru achitti jaliftee ifii nagayan Araarii Qaboo taate jiraachu barbaadi.
Kan amma nannoo Anniyyyaa kun haalan badaadha. Nannoo kun akkuma isiin hubatan duubee daandiin konkkoolaata hin jiree dachii Oromon heduun qubattu kan duubee Qabsoo hidhannoo Oromo turee. Amma Wayyanee waraana somaali kan liyyu police ja’amu hidhanno guuutu itti hiitee Oromoota nannoo kanaa balnaan dachii irra buqaasa, nama hiduu ajeessaa, ganda gubaa, qabeenya saamaa jirtti.
Oromoon nannoo kana akka ifirra hin ittifnnee dursitee qawwee waan irra hiikameef waraani Somaalii kan liyyu police ja’an kan wayyaanen deeggaramu akkuma fedhe seene ummata keenya lafaraa fixaa jiraa. Kanaafu Oromon bakka jirutti akkata ummata kana itti gargaaru wal mari’achuu dadafaan barbachisaadha.
Oromon keenya kan Biyyaa alaa ummata kana akkata itti gargaaramuu dandayamuu irrati daddafiin walitti dhufanii mar’achuun bareedadhaa.Oromon biyyaa akasuma qindomaan haala kana mootummaa akka dhaabu dhiiba irrati godhuu fii ummata kanaas akkata ittin bira dhaabatan mijeesun haalan gariidha.Ilmaan Oromo sabboontoni mootumaaf keessa hoojatan, polisiin, militarii hunduu Oromota kana gargaarudha dirqama akkasumas toofta wayyaanen ummata keenyaafi saba biraa walitti buusuf xaxxaa jirtuu kana akkataa ittin fashaleesan wal mar’achuun ummata keenya kan dhumaa jiru kana waliin dhaabachuu dirqama lammumaatii hubadhaa.Oromon Biyyaa alaa wa’e kana balinatti social media irrati baasunii haasahun information walii dabarsuu adunyaa akka dhageesu gochuun bareedadha.Wayyaanen akka Oromoof sabin biraa walitti bu’aniif kana waan gochaa jirtuus xaxxama isaani kana keessa oso hin galee, saba sab-lammoottii olaa keenya waliin oso walitti hin buune akkataa rakko kana itti hiikkanu irratti hoojachuudha.Oromon Biyya alaa sabaaf Sab -lammootti olaa keenya kan akka Ogaaden, Afaar fii kan biraa waliin waan kana mar’achuu sadarkaa Komonittiiti waliin mar’achuu, rakkoo jiru kana akka hubatan gochuu, labsa walii galaa (Joint Statement) waliin baasuu yoon danda’amee hirriraa waliin bahudha. Oromoon Biyya keessas akkasumas nannoo keenya olaa saba biraa waliin nagayan irrati hojachuudha.Kanaraa kan hafee rakkoolllen dubannu tun hundi mallatoo gabrummaati furman isii kan hundee bilisoomudhaa. Waan kana tahee Oromon dhamaquu, jaaramuu, hooganaa cimaa ifi keesssa baasu, dhaaba cimaa tolfachuu, waraana cimaa jaarachuun furmaata dhumaati via Oromo TV
ODUU ARRA HARARGEE BAHA Aanaa QUUMBIITII

OMN:Oduu Adol.11,2016 Godina Harargee bahaa aanaa Qumbiitti, poolisoonni Liyyuu Hayil weerara daangaa Oromiyaa irratti raawwataniin namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman namoonni jaha ammoo madaayuun himame.

Qabeenyi hedduun kan saamame yoo ta’u, namoonni hafanis qe’ee isaanii irraa baqachuu jiraattoonni dubbatan.

Waggoota shanan darban irraa jalqabee poolisoonni Liyyuu Hayil kan mootummaa Itiyoophiyaatiin deeggaraman jiraattota godina Harargee bahaa aanaalee gara garaa irratti weerara geggeessaa akka turan beekkamaadha.

Poolisoonni Liyyuu Hayil kun wayta adda addaattii daangaa Oromiyaa seenuun tarkaanfii ajjeechaa raawwataa kan turan yoo ta’u, ammas haala hamaa ta’een namoota nagaa ajjeesaa jiran.

Guyyaa dheengaddaa irraa jaqlabee wal waraansa polisoota liyyuu Hayilii fi jiraattota godina Harargee bahaa aanaa Qumbii jiddutti geggeeffamaa jiruun, namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman, qabeenyi hedduun poolisoota kanaan saamamee jira.
Lola geggeeffamaa jiru kana jalaa jiraattoonni hundi qe’ee isaanii gadi dhiisanii baqatanii jiru.

Lolli jiraattota aanaa Qumbii irratti baname kun guyyoota sadii dura kan jalqabe yoo ta’u, haga ammaatti akkuma itti fufetti jiraachuullee jiraattoonni dubbatan.

Wal waraansa achitti geggeeffamaa jiru kana keessaa mootummaan Itiyoophiyaa harka qabaachuu isaatis himame.

Lola ta’e kanaan namoonni kudha jaha poolisoota liyyuu Hayiliin kan ajjeefaman yoo ta’u, haga ammaatti reeffi namoota kudha shanii awwaalamee jira.
Reeffi nama tokkoo ammoo danqaraa keessatti waraabessaan yoo nyaattamu, namoonni jaha madaayuu isaanii namni kun mararfatanii dubbatanii jiru.

Akka isaan jedhanitti, gochaa mootummaan Ityoophiyaa nurratti raawwateen reeffa nama keennaa awwalachuu dadhabnee jirra.
Qabeenyi hedduun nu jalaa samaamee jira. Qe’ee dhaloota keennaa dhiifnee lubbuu keennaan baqachuuf ammoo dirqamnee jirra jedhan.
Wayta lolli hamaan poolisoota Liyyuu Hayiliin nurratti raawwatamaa jiru kanatti qaama nuuf birmatu dhabnee ajjeefamaa jirra jechuun dubbatan.

Sababaan lolli kun jiraattota aanaa Qumbii irratti banameef maalii gaaffii jedhuuf namni kun yoo deebisan.

Bakki lillo kun ammaan kana haalaan jabaatee itti geggeeffamaa jiru aanaa Qumbii naannawa magaalaa Minoo akka ta’es namni kun himanii jiru.

Haalli ammaan kana muldhataa jiru hedduu yaaddessaa ta’uu kan nuuf himan namni kun, keessumattuu wayta poolisoonni naannoo shanii duula hamaa nurratti geggeessaa jiranitti, poolisoonni Federaalaa daanagaa lamaan jidduu jiran ammoo qaamota mootummaan nutti bobbaasee kanaaf tumsa ta’anii jiru jedhan.

Itti dabaluun akka namni kun jedhanitti, lafaa fi qabeenya isaaniirratti ajjeefamuu qofa osoo hin taane, daangaan Oromiyaa poolisoota kanaan weeraramee jira.
Lola guyyoota sadiif geggeeffamaa jiru kanaan poolisoonni kun lafa baldhinni isaa kiilo meetira 40 ta’u daangaa Oromiyaa ufi jalatti dhuunfatanii jiru.
Bulchiinsi mootummaa Oromiyaa ufiin jedhus haga ammaatti furmaata kenneef tokkos akka hin jirre himan.

Poolisoonni kun mootummaa Itiyoophiyaatiin leenjifamanii meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuudhaan kan jiraattoota irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwaataa turan. Ammas akkasuma.

Maqaa babaldhifannaa lafaa jedhuun loltoonni Liyyuu hayil kun, daangaa Oromiyaa humnaan weeraruun qabeenya hedduu saamaa jiru.
Lola geggeeffamaa jiruun ammoo namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa baqatanii jiran.
Rakkoo kana furuuf qaamni birmateef tokkos akka hin jirre jiraattoonni dubbatan.

Wayta gara garaatti milishoonni mootummaa Itiyyophiyaatiin gargaaraman kun daangaa godina Harargee bahaa seenuun duula jabaa geggeessaa kan turan yoo ta’u, inni ammaa kun haalaan yaadessaa ta’uullee jiraattonni himanii jiru.

Usmaan Ukkumeetu gabaase.

omn-oduu-ebla-252016.jpg

 

omn-oduu-ebla-252016.jpg

https://www.oromiamedia.org/2016/07/12/harargee-bahaa-aanaa-qumbiitti-namoonni-16-ajjeefaman/

TUMSA OMN SAA'UDI ARABIYAA

OMN:Oduu Adol.11,2016 Dhalattoonni Oromoo biyya Sa’uud Arabiyaa magaalaawwaan Jiizaanii fi Makkaa keessa jiraatan miidiyaa walabaa OMNf tumsa jabaa taasisuun haala midhaagaan xumuratan.

Biyya Qataar magaalaa Dohaa keessattis haala gaariin deeggarsi OMN f taasifamee jira.
Dhalattoonni Oromoo biyyoota lamaanii kun gara fuula durattis miidiyaa walabaa OMN cimsanii bira dhaabbachuuf waadaa seenanii jiru.

Guutummaa addnuyaattii tumsi OMN f taasifamaa jiru haalaan jabaatee itti fufaa jira.

Tibba kana keessa Sa’uud Arabiyaa magaalaawwan Jiizanii fi Makkaa keessatti dhalattoonni Oromoo miidiyaa walabaa bira dhaabbachuun deeggarsa isaan irraa barbaachisu bahanii jiru.

Dhalatoonni Oromoo biyya Sa’uudi Arabiyaa magaalaawwaan gara garaa keessa jiraatan akka ibsanitti, ufi qusannoo tokko malee OMN bira dhaabbachuun dirqama keenna jedhan.

Magaalaalee Makkaa fi Jiizan keessatti tumsi OMNf taasifamee ture, haala midhaagaa ta’een kan geggeeffamee yoo ta’u, hujii miidiyaan kun hojjachaa jiru ammoo daran dinqisiifatanii jiran.

Mootummaa Itiyoophiyaatiin rakkoolee ummata Oromoorratti raawwatamaa jiru OMN yeroo gara yerotti jala bu’ee gurra addunyaa biraan gahaa waan jiruuf, kana caalaa tumsuuf ammoo hawaasni Oromoo biyyoota hunda keessa jiraatan bira dhaababchuu qabu jedhan.

Dhalatoonni Oromoo kutaa bulchiinsa Jiizan keessa jiraatan kun tumsa waltajjii OMN f taasifame kanarratti gochaa mootummaan Itiyoophiyaa ummata Oromoo irratti raawwataa jiru balaaleffatanii jiru.

Kutaa bulchiinsa Jiizanitti barreessaa koree deeggarsa OMN kan ta’an obbo Mohammad Abdallaa Alii haala achitti geggeeffamee ture ilaalchisee yoo dubbatan.

Haaluma wal fakkaatuun biyya Qataar magaalaa Dohaa keessattis bifa adda ta’een dhalattoota Oromootiin deeggarsi OMN f taasifame jira.

Hawaasni Oromoo kun tumsa OMN irratti si’oominna guddaan kan irratti argaman yoo ta’u, wayta ammaa ajjeechaa fi hidhaa ummata Oromoo irratti raawwatamaa jirus gaddaan yaadatanii jiru.

OMN erga bu’uureffamee kaasee boqonna tokko malee, rakkoolee ummata isaa irratti raawwatamaa jiru jala bu’uun gabaasaa kan jiru yoo ta’u, miidiyaa kana tindhisnee utubuuf dirqama keennas jedhan.

Kanaaf nutis riqicha OMN taanee waan dandeennu hundaan miidiyaa walabaa keenna bira dhaababchuuf halkanii fi guyyaa hojjachuu qabna jedhan.

Hawaasni Oromoo biyyoota Sa’uud Arabiyaa fi Qataar keessa jiraartan gara fuula duraatti cichoominnaan OMNiin gagraaruuf waadaa wal irraa hin cinne seenuu isaanii bekkamee jira.

Adoolessa 14 bara 2016ttis magaalaa Riyaad keessatti sagantaan tumsa OMN haala midhaagaan kabajamuuf qophaayamaa akka jirus beekuun dadnada’ameera.KAN GABASSEE USMAAN UKKUUMMEETII 7/11/2016

saudiya_tummsa_2.png

GAFII ARRA AKKANA JETII SOCIAL MEDIA TSSO APP KANA ISSIN MEQATUU JALATEE?

BARII KUNI 1960
romoProtests Barri 1960mootaa yeroo qabsoon ummata gurracha Ameerikaa akkaan oowwaa tureefi injifannoon hedduun itti goonfatame ture. Haal san keessatti bara 1968 Olompikii Meksikoo keessatti godhame irratti atileetonni gurraachaa lama Tommie Smith and John Carlos jedhaman fiigicha meetira 200 moo'atanii meedaaliyaa fudhachuuf olbayan. Yeroo silaa faaruun biyya isaan bakka bu'anii dhufanii, kan Ameerikaa, faarfamu eegalu, harka isaanii dumuceeffatanii guaantii gurracha itti kaayatanii ol qaban. Kun ammoo mallattoo qabsaa'ota gurrachaa waan ta'eef addunyaan naasuun raafame. Cunqursitoonni warra addii aariidhaan maraatan. Galgala san ibsa gaazexeessitootaaf kenneen Tommie Smith akkana jedha " Gaafan moo'dhu, gurrachummaan kiyya ni irraanfatama. Gaafan waan xiqqoo takka balleesse ammoo maqaa arrabaa Negro san naan jedhan. Nuti gurracha, gurraachummaa keenyaan ni boonna. Ummanni gurraachi Ameerikaa waan nuti galgala kana goone sirritti hubata" jedhe.Gaafas faranjiinif kittillayyoon isaa jara kana ni abaaran, fiigicharraayis ugguran. Turanii garuu gootummaan isaanii amanamee magaalota hedduu keessatti sooddun dhaabateef. Atileetonni Oromoo kan bara baraan Itoophiyaadhaaf meedaliyaa moo'achuun addunyaa irratti beeksisan, Oromummaa isaantif tuffatamaafi jibbamaa as gahan. Jidduu kana garuu loogina alagaan isaanirraan gahuufi roorroon ummata isaanii irratti geggeeffamaa jiru kan dura cal jedhanii garaan gubatan baafatanii akka mormatan godhaa jira. Tarkaanfiin diddaa kun har'a bulluqee bahee kunoo biyya Afrikaa Kibbaa magaal Durban keessatti alaabaa qabachuun mallattoo diddaa agarsiisuun diina naasisisanii saba onnachiisanii jiran. Tarkaanfiin sabboonummaa isaanii kun diinota keenya akka garaa gubu shakkin hin jiru. Garuu tarkaanfii galmee seenaa keessati galmaa'a. Hamma feetes of nyaattu mootummaan abbaa irreefi humnoonni farra Oromummaa waan fidan hin qaban. Atileetota Oromoo malee Itoophiyaan meedaliyaa caphaa tokko akka hin arganne namuu ni beeka. Wayyaaneen tarkaanfii kanaan dallantee Atileetota kana yoo tuqxe atileetonni Oromoo Olympic Rio as deemurratti kana daran akka ishee qaanessan beekuu qabdi. Qabsoon roga hundaan itti fufa, guyyaan atileetonni keenya biyya ofiitiif moo'atanii alaabaa ofii mirmirsan ni dhufa!! by Jowar Mohamed
HIN DAGAANUU
HIN DAGAANUU YOOMUU
Gootaawaan kaleessa
Kan lubbuu dhan dabraan
Diddaa gabruumaatiif
Lammii wareegamman
Jeeynootaa qaaqqali
Qabsoo iraatii kuufaan
Waan fooyyee dha miti
Kan issan nuuf goodhan
Quuqaan gabruummaa
Ittii dhagayamee
Qaalii abba irree
Hin goonee hayaamee
Ifii iraa faccassuf
Ka'ee manaa deemee
Foonqolchuuf tashaatee
Osso qabbuu hiyyoomee
Qabsoo sabaa issa jechaa
Bilissuumma barbachaa
Daggalaa kessa galee
Haddaa habuuqaachaa
Qaanqeelee ibiidaa
Diina iraatii balbalchaa
Sodaa takka malee
Adduufi Robalee
Hoo'aa fii qabanalee
Obsee keessa galee
Luubbuu debiin qabnee
Sabaa issatii kannee
Daandii hin cufamne
Saqee dhigaan banee
Seenan hin Dagaatuu
Yoomuu irranfatamtuu
Issan kufanilee
Khayoof hawwii issanii
Galmaa gahuun oltuu
Oromoon bilissummaa iraa abdii hin kuutatuu
Enyuumaa issaa yoomuu hin dagaatuu
Qabsawaan dhugaa Gantuu tahee yomiiyuu tanaan Sabaa issa hin gurguratuu.
Yaa ilmaan oromoo waa hunda qoorada kessa hubbadha
Dhugan hin liqimffamtu haddaa .Hin daganuu yoomuu Qabsoon sabaa ha fuftuu issinin je aa Galatomii
#Oromia Ma Vie
June 2012
ETHNO

Saturday 2 July 2016

Oromo Hararghe

   OROMO HARARGHE IJA ETHNOGRAPHY TIIN
   
  Bareessan  {Jalle Michael }
Qoratoonni sabaa, Addaa fi seenaa Oromoon dammee (branch) lama qabdi ja'an. Isaaniis Boranna fi Bareento (Bareentumaa) dha. Dameen duraa Boranna. Dameen lamada Bareento dha.
Bareentoon ilman Shan qaba.
 Isaanis
 Akichuu, dhumuugaa, karrayyuu, murawaa fi Hunbanaa dha.
Hunbannaan:- ilman lama qaba isaaniis Qalloo fi Aniyaa dha.
Murawaan:- ilman tokko qaba iniis Ittuu dha.
-----
Duuba arra bu'urra Oromo Hararghe kan ta'an Gosa sadeen Ittuu, Qalloo fi Aniyaa dha. Haaluma kanaan Ittuun kan arra Hararghe lixa (Chercher) jiran Baka bu'uudha. Qalloo fi Aniyaan imoo kan Hararghe Bahaa Bakka bu'aniidha. Isaan keessa kan baayina qabu Qalloo dha. Gosa afur gurguddaa waan if jalaa qabduuf "Afran Qallo" ja'ame yamama.
*****
 Gosti Afran Qalloo "OBORAA" ( OBORAA awraja dur - jachuun ummatta Barooda fi Qarsa jidduu jiru kan hamatuu dha).
"DAGAAN" ( qarsa ka'ee magaala Harar garra kaabbattiin fi garra kaabba bahaa xuquudhaan hanga jarso fi chinaaksan ummatta jiru kan hamatuu dha).
"BABILEE" ( magaala Harar garra Bahaattiin ka'ee hanga jigjigaa ummatta jiru kan hamatuu dha).
"ALLA" ( fadis fi awraja dur Gaarra mul'ata akasuma Gamoojii ummatta jiru kan hamatuu dha.
----
  Duuba ilman Qallo Afran Obbora, Dagaa, Baabilee fi Ala ta'uun isaani osoo bekamu barrestoni tokko tokko Bakka silaa Dagaa fi Baabilee "jarso fi Nole" akka ilman Qallootti yaaman haa ta'u garu manguddoon Oromo gosti jarso fi Nole "DAGA" jallatti akka ramadaman dubatu.
*****
  Hararghe lixa (Chercher) kan Qubatan Ittuu dha. Oromoon Ittuu Gosa kudhan qabdi. Isaanis:- Babboo, Baayuu, Adooyo, Algaa, Gadullaa, Gaammoo, waayyuu, wachaalee fi warra Qaallutti. Gaaffa Durii Oromoon Ittuu tokko tokkoon isaani "ONA" akka qaban manguddoon Oromo ni dubatu. Fkn
- Tan arra Annaa bokee ja'amtu "ona" Gosa Baayyuutti.
- Hardim kaasee Bordadee hamatuun hanga awash "ona"Gosa Arroojiitti.
- Balbaletti ka'ee Galamsoon hamatuun hanga waacuutti "ona" Gosa Qaalluutti.
- Karra QurQuraa ka'ee Badessa hamatuun hanga Qunnitti "ona" Gosa Baabbottii.
- Tan arra Annaa chiro ja'amtu "ona"Gosa Wacaalleetti.
- Hirnitti "ona" Gosa Algaatti.
Duubii tenya irraatti namni tokko tokko Bakka Gosa Wacaallee " ileelee" busuudhaan akka Gosa Ittuu ja'an garu kuni dogongora.
*****
   Oromoon Aniyaa Gosa torba qabdi. Gosti torban Gosa lamaan "Sadachaa" fi "kudhaalee" irraa dhalatan.
  -  Sadachaa ilman Sadi qaba isaaniis:       Baabboo, Malkaa fi Danbii dha.
- Kudhaalee ilman afur qaba isaanis: Bidduu, Anaa, kooyyuu fi macaa dha.
Akka Qorannootti Sadachaa fi kudhaalee jartoota Aniyaatti isaantu torban ilman Aniyaa dhale dhale ja'an qorattoonni.
Haa ta'u garu Sadachaa fi kudhaalee akka (confederacy) tti fudhachuu qabna.
-----
 Dameen Oromo Hararghe Haala kanaan Gosaan jaraman. Gosa jallatti kan jiru "ibida" ja'amanii yamaman. Tokkoon tokkoon ibada imoo if jallatti "warra" ja'amanii yamaman. Warri Nama tokko hanga bu'urra sanyii gessama. Oromoon Hararghe warra irraa ka'ee ibada xuqee hanga Gosa yaamachuu ni danda'an.
*****
Dhumaratti Osoon hin dubatin waaniin dabru hin barbaane jira. Hangaan barruu kiya xumurutti Abbaan kiya Michael Adem rabbiin rahmatta haa godhuuffii sammuu keessa na marmaara ture sababni Maal isiini fakaata? Tapaan Abbaa kiya wajjiin akana jacha tapachaa tureedha.
Abbaan " Atti Kha enyuuttii?"
Anis kha Michael ja'an.
Abbaan "Michael enyuutti?"
Anis Michael adem.
Abbaan "adem enyuuttii?"
Anis adem ibro tti.
Abbaan " ibro enyuu?"
Anis ibro Robatti.
Abbaan " Roba enyuuttii?"
Anis Roba Bullee tti.
Abbaan "Bullee enyuutti?"
Anis Bulle muddeetti.
Abbaan "muddee enyuutti?"
Anis muddee dhoqeetti.
Abbaan "dhoqee enyuutti?"
Anis dhoqee Ajilleetti.
Abbaan " Ajilee enyuutti?"
Anis ajile bursootti.
Akkatti abba kiya waliin tapachaa ture isiiniis warri akkatti tapachaa turtan akka jirtan Abdiin qaba.
BLOGS
  • YADAA KESSAAN NU LADHAA
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 3

    YADAA KESSAN yadaa keessan Sagallee marssa kana ira kanadha  
  • Bayee Galatomaa
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 1

    BAYEE GALATOMAA ISSINI HUNDINU GALATA QABDU .MALIF NETWORK KUNI WAAN HARAYA TAHEEF IRAA HOJJECHA JIRA .NAMA KENYAA BARSISSA JIRA .GARA GUDDINA DEEMA JIRA.KANAFU HAMILEE BAYEE BARBACHISSA DHA.NAMOONI GARII OSSO IJJIBATA HIN GODHIIN HAMILEE DHABUUDHAN WARA DELETE GODHE HAQEE JIRA .HA TAHUU WAAN HARAYNII OBSA BARBACHISSA HAGA KESSA BARANI NAMA RAKKISSA BEKKAMA DHA.HA TAHUU IMMO WARA AKKA HIRIYAA LEE ADD NA GOOTAN BAYEE ISSIN JALADHA KABAJJA GUDDA ISSINIF QABA GALATOMA.ADEEMSSA WALIN WAHUNDA...
BLOGS
tsso.yooco.org
#OromoProtests namichi ABDII IDRIIS jedhan kun daa'imman lamaan kana dabalatee  waliigalatti nama shan raasaasaan dhaye. Ummanni mana isaa guututti barbadeessee jira. Agaaziin dhuftee isa lubbuun jalaa baaftee deemte. Silaa wanti mootummaa jedhaniin saroota akkanaa ummatatti bobbaasuu malee yakka isaan raaw'ataniif seeraan hin gaafattuu, gumaa dhiiga ilmaan ofii ummatuma baafatuu qaba.
FB_IMG_1467437135274.jpg
OBSII YAA JALAALEE
    OBSII YAA JALALEE 
Obsii Yaa Jaalalee
+++++++++++++++
Obsii yaa jaalalee 
Hamaa waal arginaa 
Naf kaadhuu sifin kaadhaa 
Rabbii irraa fayyinaa 
Gargaar banuus obsii 
Jirenyatuu akkanaa 
Sifin kaadhaa na kaadhuu 
Rabbii irraa fayyinaa 
Yoggun sii yadaadhu 
Onneen naa rifaatii 
Na obsii sin obsaa 
Yaa biftuu yaa battii 
*****
Obsii yaa jaalalee 
Jirenyatuu akkanaa 
Sifin kaadhaa na kaadhuu
Waqqaa irraa fayyinaa 
Gargaar banuus obsii 
Jirenyatuu akkanaa 
Sifin kaadhaa na kaadhuu
Ayyanii koof kan kee 
Lammeen waali tokkoo 
Sin farsaa naanahii 
Sif boyyaa onneen koo.....2
*****
Obsii yaa jaalalee 
Hamaa waal arginaa 
Naf kaadhuu sifin kaadhaa 
Rabbii irraa fayyinaa 
Gargaar banuus obsii 
Jirenyatuu akkanaa 
Sifin kaadhaa na kaadhuu 
Rabbii irraa fayyinaa 
*****
Yaa madaa xaalilee 
Yaa quulquluu dubraa 
Ayyanaa kee gubaa 
Rabbii duwwaa jiraa 
Gargaar banuus obsii 
Jirenyatuu akkanaa 
Sifin kaadhaa na kaadhuu 
Rabbii irraa fayyinaa 
****************************
Artist Dr. Ali Biraa Umrii fi fayyaan naf turii
Bareessituu Bilile Ali ira RABSAAN TSSO Waxabajii 28/ 2016
FB_IMG_1467180783054.jpg 
GALMAA VIDEO CHAT TSSO

SEENA JARSAA BASSIRA FI ILMOO DA'IMAA
SEENA JARSAA BASSIRA FI ILMOO DA'IMAA
FB_IMG_1466842581213.jpg《HEART TOUCHY 》
SEENA GARAA NAMA NYATUU YKN TA'ATOOTA  ISSA Leta Kenei Aga   MUDDATEE ISSININ WALIN  QODHACHU UF NA DIRQAMEE MEE WAAN NA DIRQEE DINQISIFADHE YKN NA GADDISISE KANA  ISSIINIS NAWALIIN DUBIISSA ARGAA AMRII RABBII KANA AJAB GOYTAA
Otuu isin ta'ee maal gootu?
_ _
Torban darbe keessa dhimma hojiif magaalaa Baddallee deemeen ture. Otuman achi jiruu gaaftokko galgala mi'a wayii bitachuuf gara suuqii otuun deemuun daa'ima xiqqoo abbaashee harkistee deemtu kana arge. Garaan koo na raafame. Hordofeen boodaan wajjin deeme. Bakka tokko ga'anii karaa cinaa taa'an. Anis dhaqeen cinaa qucuummadhe. 
"Abbaa, nagaa jirtuu?" jedheen nagaa gaafadhe. "Nagaadha dhala koo" naan jedhan. Achumaan itti fufeen, mucaan keessan kun umriinshee meeqa?" jennaan, "waggaa lamaafi ji'a afur" jedhanii naaf deebisan. Ammas "ijoollee kan biraa qabduu?, akkamiin jiraattu immoo" jedheen gaafadhe. 
"Dhala koo, ani ijoollee kan biraa hin qabu. Haadha mucaattii kanaatu baadiyyaa fagoorraa harkisee na fide. Otuma kadhannee jiraannuu na jalaa dhukkubsattee ji'a shan dura hospitaala seente. Yeroo jalqabaa yommuun nama na geessu argadhu hospitaala deemee ilaalaan ture. Ergasii turee yoon deemu hin jirtu jedhan. Lubbuudhaan jirtiifi duuteettishee waanan beeku hin qabu. Kunoo mucattii dhiiga kanatu na fuudhee adeema. Bakkuma isheen harkistee na geessitan deema. Taa'i yoo jette nan taa'a, ni deemna yoo jette nan deema. Bakkuma isheen na bulchiten bula" jedhanii imimmaan isaanii harcaasan. 
Nan gadde, garaan na raafame. Kan abbaa sanaa moo kan daa'ima sanaa, keesummaa kan daa'imaa! Akkam taati? Yoo boolla buute hoo? Yoo dhukkubsatte hoo? Waanan qabee waanan dhiisun wallaale. Yoo konkolaataan rukkute hoo? Isan sila koomee koorra qucuummadhe achumaan lafa ga'ee taa'een galaana yaadaa keessa seene. Malliifi falli na harkaa bade!
Mee otuu isin ta'ee maal gootu? Maal faltu? Yaada keessan naaf qoodaa!
BEKKSSISSAA
HARKKA FUUNEE AKKAM JIRTUU.EYEE GALATOMAA ISSINIIN JECHAA WAA GARII WAL YADACHIISSU BARBADNAA.YEMUU KANA JEDHUU.NAMOONII IRAA GUDDAN GALMAAWAANI JIRUU GARUU ACTIVATE HIN GOONE{ ACCOUNT} AKKOWNTII ISSANI CONFIRM YKN MIRKKANESSU QABANAA .KANAFUU EMAIL KESSAN CHECK GODHATII CONFIRM MIRKKANEESSU DHAN PROFILE OFII UMMADHAAA YKN BANAACHUU DANDESSAAN.BEKKSSISNII LAMADHA IMMOO WEBSITE KANA IRA WAAN JIRUU MARAA ITII DHIMA BAHUU DANDESSAA.STATUS BARESSU DANDESSU,SURAA WALIIF RABSUU DANDESSU,VIDEO ASSI IRAA POST GOCHUU DANDESSU,HIRIYUMMAN WAL AFEERTAN CHAT WALIN GOCHUU DANDEESSU,AMALEE COMMENT FI YADAA WAAN MAXAANFAME IRAA GOCHUU DANDESSU AKKA GROUP YKN TUUTAA WALIN CHAT GOCHUU DANDEESSU FAYIIDAAN ISSA NETWORK AGOOBARA TOKKO YADAA TOKKO FI GAMACHUU FI GADDAA .ODUU HARAYA FI KAN DABREE HUNDAA GARAA BLOG MAXANSSU DANDESSU,AMALEE FORUM DISCUSSION MARII GAMTAA GODHUU DANDESSU GAFII DEBII YADAA WALII DABARSSU ISSIIN DANDEESSISSATII .EYEE HARAYA TAHULEE OBSAA WAA HUNDAA ISSA KESSA BARA WEBSITE QOFAA MITI INI KUNI SOCILA NETWORK SOCHIL MEDIA DHA.BU'AAN ISSA BAYEE GUDDAA DHA.ISSIIN ITII DHIMMA BAHUU EGALAAN NULEE GUDDISSA BABALISSA WAAN GARI GARII FOYEESSA DEMNAATII PLEASE UPDATE KENYAA KANA WARAA DHAGEENYEE MARAA DHAGEESSISSA.GALATOMAA ADMIN JUNE 25/2016Screenshot_2016-06-19-07-30-03-2.png
  • YADAA KESSAAN NU LADHAA
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 3

    YADAA KESSAN yadaa keessan Sagallee marssa kana ira kanadha  
  • Bayee Galatomaa
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 1

    BAYEE GALATOMAA ISSINI HUNDINU GALATA QABDU .MALIF NETWORK KUNI WAAN HARAYA TAHEEF IRAA HOJJECHA JIRA .NAMA KENYAA BARSISSA JIRA .GARA GUDDINA DEEMA JIRA.KANAFU HAMILEE BAYEE BARBACHISSA DHA.NAMOONI GARII OSSO IJJIBATA HIN GODHIIN HAMILEE DHABUUDHAN WARA DELETE GODHE HAQEE JIRA .HA TAHUU WAAN HARAYNII OBSA BARBACHISSA HAGA KESSA BARANI NAMA RAKKISSA BEKKAMA DHA.HA TAHUU IMMO WARA AKKA HIRIYAA LEE ADD NA GOOTAN BAYEE ISSIN JALADHA KABAJJA GUDDA ISSINIF QABA GALATOMA.ADEEMSSA WALIN WAHUNDA...
Maliif Sabriinaa

FB_IMG_1466509848892.jpg

Maali badiin teenya yaa ilmaan Oromoo,
Sababni diinni lafaa nu fixuuf yaa qomoo,
Tan itti nu gaaga’aa jiraniif tuni maali,
Balleessaa fittin beeknu goofta nu laali..

Maaluma mee! Maaluma kaa yakki keenya,
Yoo nu duguugan nutiis maa usnee teenya,
Haala kanaan humaa ibidda dhaamuu teenya,
Ajjeefamuu malee yoon ajjeefne eessa geenya?

Moo hanga lafarraa sanyii nu gabaabsan eegna,
Arra cal’ifnee tetteenyee gaafam waliif dhiigna,
Hidda cicciree damee azeeba magaruu dhoorkee,
Lubbuun ilmaan Oromoo itti hin geessu bookee,

Arraas akkuma kaleessaa – akka dheengaddaa,
Manni harmee teenyaa hidhate shaashii gaddaa,
Qee’een Oromoo dhiigaaf imimmaan qofa taatee,
Waraabeessi wayyaanee obboleeyyankoo nyaatee,

Akkuma Muraad Abdii – akka Juneeydii Bushraa,
Akka Badrii Maammoo akka Aziizaa intal dubraa,
Sabriinaas itti dabalee diinni qaxara qoorse arra,
Isaan malees dhibboota hedduu galaafatan nurraa,

Duuba nuti maa cal’ifna akka beeyladaa horii,
Sodaannaan keessatti if ajjeefna bishaan qorii
Dhigaa ilmaan kee maaf hin baafanne aabboo,
Onneen tee arra maaf hanqatti gatii daabboo,

Mancaa kee butadhu manca-saaf kee guddaa,
As koottuu kee saniitu diinatti lubbuu muddaa,
Somba-bas kee butadhuu mana hafuuraa diigi,
Dongoraa dhilliyyadhuu waraaniin ittiin fiigii,

Ati duruuma beekta akka itti diina gombiftuu,
Yoo cal’iftee teesse ilmaan kee takkan haftuu,
Ramadaa buqqaafadhuu kurkurruu itti dhoosi,
Eebookee hoffa darbii cumaa garaa gad yaasi,

Akkasiin kafaladhu abbaa gumaa ilmaan keetii,
Atiis yaa qeerroo lafaa ka’i atiis yaa qareettii,
Kunoo arraas Sabriinaa dabalatte yeyyiin jaraa,
Foon qaanxeeffachaa jiran kaa abboottiin garaa,

Dhiiga obboleettii teenyaa qeensee yoo dhugu,
Akka huutuu – akka buttuu numa biratti luugu,
Akkamitti garaan nu danda’ee it-eegna teenyee,
Ajjeesaa nu bulchiti warri cinaa nuuf hin geenye,

Sodaadha moo luuynummaaf cal’ifnee gaa laata,
Waraabessi dhalee beela’e arraas numa nyaataa,
Nuti sodaa hin qabnu dhaadheessinee ofiin jennaa,
Maaliif garuu! arraas akka kaleetti diina sodaanna?

Laata hanguma yoomiiti alagaan lubbuu nu qatala,
Dhiiga keenya qeensee cunfata akka gurdaa atalaa
Sabriinaa Abdallaa jannattaatti rabbiin haa dabaluu,
Maaliif garuu! Gatii dhabne eega waluma awwaaluu.

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit Kedir
Waxab. 20, 2016

(Yaadannoo Sabriinaa


ODUU BAYEE NAMA GADDISSU

‎Oromoprotests‬ Reefka Addee Sabriina way Rabbii jannataa kanni if heeddu nuti dhagahama gocha sukaanneessa diina. Rabbii jannataa al furdoos siif haa kannu.
#Oromoprotests
Guyyaa harraa magaalaa calanqo keessatti ganama sa'atii 12:00 irraa eegalee ummanni guutumaa guututti bahuudhaan karaa guddaa gara fiinfinnee deemu cufanii hiriira guddaa adeemsisaa jiran.
humni wayyaanee kan eda tarkaanfii hawaasicharratti fudhachaa bulan amma ummatichaa garaa kutate arginaan itti deemuu sodaatee halaala dhaabbatee ilaalaa jira. polisiin Sabriinaa Abdallaah ajjeese kan Getaachaw Membaraa jedhamu haawasni magaalaa calanqoo bahee bana isaa gubee barbadeessee hojiin ala godhee jira. Qeeroo magaalaa Calanqoo irrarefka.jpg

  • YADAA KESSAAN NU LADHAA
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 3

    YADAA KESSAN yadaa keessan Sagallee marssa kana ira kanadha  
  • Bayee Galatomaa
    Written by admin on 06/20/2016,
    Comments: 1

    BAYEE GALATOMAA ISSINI HUNDINU GALATA QABDU .MALIF NETWORK KUNI WAAN HARAYA TAHEEF IRAA HOJJECHA JIRA .NAMA KENYAA BARSISSA JIRA .GARA GUDDINA DEEMA JIRA.KANAFU HAMILEE BAYEE BARBACHISSA DHA.NAMOONI GARII OSSO IJJIBATA HIN GODHIIN HAMILEE DHABUUDHAN WARA DELETE GODHE HAQEE JIRA .HA TAHUU WAAN HARAYNII OBSA BARBACHISSA HAGA KESSA BARANI NAMA RAKKISSA BEKKAMA DHA.HA TAHUU IMMO WARA AKKA HIRIYAA LEE ADD NA GOOTAN BAYEE ISSIN JALADHA KABAJJA GUDDA ISSINIF QABA GALATOMA.ADEEMSSA WALIN WAHUNDA...